Chaappaa Torba
1Achiin duuba Hoolichi sun chaappaa torba keessaa ka qaraa banuun dhagge; dada lubbuu qaddu arfan keessalle'ee tokkochi qoonqoo akka mandiisu'uutiin, «Koy!» jedhuun dhage'e.2Anille midhadhee, farda adii tokko dhagge; ka farda san irra tee'eerulle guubee qabateera; kallachi isaaf kennamee, innille akka mowataa tokkoo mowatiisaaf gad baye.3Yennaa Hoolichi sun chaappaa lammeessoo bane, dadi lubbuu qabu ka lammeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e.4Achiin duuba fardi dhibiin diimaan ibiddi gad baye; ka farda san irra tee'eerulle, akka nageya lafa irraa balleessuu fi akka namooti wol qalanu akka godhuuf baalliin kennanteef; shallaagaan guddaalle kennameef.5Yennaa Hoolichi sun chaappaa sadeesso'oo bane, dadi lubbuu qabu ka sadeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e. Anille achi midhadhee farda gurraacha tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru waan ittiin madaalanuharkatti qabateera.6Qoonqoo dada lubbuu qaddu afur keessaa baatu fakkaattu dhage'e; qoonqoon sun, «Qamadiin waan ittiin safaranu diqqaa tokkocha te'u mindaa hujii guyyaa tokkoo, garbuun waan ittiin safaranu diqqaa sad te'u mindaa guyyaa tokkoo te'uu ti! Ejersa zayiti'iitii fi muka woynii hin balleessin» jettuun dhage'e.7Yennaa Hoolichi sun chaappaa arfeesso'oo bane, dadi arfeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e.8Ani midhadhee, farda borora tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru maqaan isaa, «Du'a» jedhama; mootummaan du'aalle duubaan isa hordofiisatti jirtiiyyu. Du'aa fi mootummaan du'aa shallaaga'aan, beelaan, bala'aa fi bineensota lafa irraatiin akka ijjeesanuuf, lafa irratti harka afur keessaa harka tokko baalliin isaaniif kennante.9Yennaa Hoolichi sun chaappaa shaneesso'oo bane, lubbuu worra marroo Dubbii Waaqaatii fi marroo dhugaa bayaneef qalamanee, addee ciincaan ciinceffamu jalatti dhagge.10Isaanille qoonqoo guddo'oon, «Goottaa Ol Aana'a, woyyichaa fi dhugaamessa, worra lafa tana irra le'u irratti murtee, dhiiga keenna nu'uuf adoo hin baasin, haga yoomii turta?» jedhaa iyyane.11Achiin duuba tokkoo tokkoofuu woyaan adiin kennante; haga laakkossi tajaajiltoota isaaniif lansaatii fi obboleeyyan isaanii, ka akkuma isaanii ijjeefamanuu guutuu te'utti, haga diqqoo akka ossatanu itti himame.12Hoolichi chaappaa jayeesso'oo banuun dhagge. Tacho'i lafaa guddaan te'e; aduun akka cile'ee gurraachotte; jiinille guutuma guutu'utti akka dhiigaa diimate.13Akkuma midhaan harru'uu ka hin bilchaatin qilleensa jaba'aan hargufamee harca'u, urjooti gubba'aa gadi lafatti harcaate.14Gubbaan akka kitaaba marama'aa marantee tarte; gaarotaa fi oddoolli duudiin addee ifii irraa balleeffamane.15Kanaan duuba, moototi lafaa, bulchitooti, abbootiin duulaa, dureeyyiin, hunnaameyyiin, garbichaa fi ka garbicha hin te'in marti, godootaa fi rassoota gaarotaa keessa dhokatane.16Gaarotaa fi rassootalle'een, «Nu irratti jiga'a, ila ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruutii fi mufii Hoolichaa jalaa nu dhossa'a.17Guyyaan guddaan isaan mufatanu geyeera; eentu dura dhaabbachuu dande'aa ree?» jedhane.