Mudhii Yohaannisii22gax_twf

Laga Jiru'uu

1Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru'uu, ka akka cabbi'ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa'uun natti mudhise.2Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola'iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru'uu jira; muki kun wogga'atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji'uma ji'aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu.3Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan.4Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata.5Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te'uuf, ifi issa'aa, yookiin ifi adu'uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mowan.

Deebi'ee Dhufiisa Yesuusii

6Ergamaan Waaqaalle, «Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi'i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiko'otti te'u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera» anaan jedhe.7Yesuusille, «Kunoo, ani dafee hin dhufa; nami jecha raagaa, ka kitaaba kanaa eeggatu, ka badhaadhe» jedhe.8Ka waan kana dhage'ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage'e, ergamaa Waaqaa ka waan kana natti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige.9Inni ammoo, «Lakkii! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si'ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila'a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe.10Itti dabaleelle, «Yennaan waan geetteertuuf, jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa chaappa'aan hin cufin.11Ka hantuu huju, ittuma hujuu ti; battichille ittuma battowuu ti; balchaalle ittuma balchoomuu ti; woyyichille ittuma woyyoomuu ti» jedhe.12«Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera.13Alfa'aa fi Omeegaan, ka duraatii fi ka duubaa, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ana.»14Muka jiru'uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqaqabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe.15Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaalatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa.16«Akka dhugaa baya tana isiniif kennuuf, ani Yesuus ergamaa kiyya wolde'oota kiristaanaatiif ergeera; ani hiddaa fi sanyii Daawitii ti; ani bakkalcha bari'ii ifaalessa.»17Ayyaanaa fi waajibittiin, «Koy» jedhan; ka dhage'ulle, «Koy» jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru'uu toluma fudhatuu ti.18Ani nama jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa dhage'u mara ifi eeggachiisa; eennulle jecha kana irratti waan tokkolle yoo ede'e, Waaqi balaa Kitaaba kana keessatti barreeffame isatti ede'a;19eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru'uutii fi qachaa woyyicha kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa.20Ka waan kana dhugaa bawu, «Ee, dafee hin dhufa» jedha. Ameen! Goottaa Yesuus, koy.21Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!