Mudhii Yohaannisii21gax_twf

Ol-gubbaa Haareyaa Fi Lafa Haareya

1Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu.2Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophoottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge.3Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage'e; isiin barcumaa mootumma'aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba'aa jira; kolbaa wolille'een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te'an. Waaqinuu isaan woliin le'a; Waaqa isaaniille te'a.4Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.5Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, «Kunoo, ani waan mara haareya godha!» jedhe; itti dabaleelle, «Jechi kun addatama'aa fi dhugaa waan te'eef barreessi» naan jedhe.6Akkasuma, «Muummotte! Alfa'aa fi Omeegaan, jalqabaa fi muummeen ana; ka dheeboteef madda bisaan jiru'uu irraa toluma kenna.7Ka injifatu, kana duudii hin dhaala; anille Waaqa isaaf te'a, innille ilma naaf te'e.8Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeesuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaameyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti» naan jedhe.

Yerusaalemii Haareya

9Ergantoota Waaqaa torba, ta qorii torba ta balaa muumme'ee torbaan guutanteertu harkatti qabataneeranu keessaa tokkochi dhufee, «Koy; haadha manaa ta Hoolichaa, waajibittii sitti mudhisa» naan jedhe.10Ayyaanalle'een gara gaara gudda'aa fi dheera'aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu'uun natti mudhise.11Qachaan sun ulfinna Waaqaatiin ifiisatti jiraayyu; calalaqi isaalle akka dhakaa gatii guddo'oo, akka Yaasphisii, qulqulluu akka cabbi'ii ti.12Dalleya dhaka'aa gudda'aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa'elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera.13Karaa aduun baatuun karra sad, karaa oliitiin karra sad, karaa gadiitiin karra sad, karaa aduun seentuun karra saditti jira.14Dalleenni dhaka'aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle'etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera.15Ergamaan Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru sun mikiiulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu.16Dheerinnii fi badhinni qachaa sanii haguma tokko te'ee, maddii arfaniinuu wol qixxe'e; ergamaan Waaqaa qachaa san ulee ittiin mikanuun mikee, dheerinni isaa staadiyaakuma kudhanii lama te'e; badhinnaa fi ol dheerinni isaalle haguma san te'e.17Ergamaan Waaqaa dalleya dhaka'aa san mike; yennaa ergamaan Waaqaa mike, waan ittiin mikanu ka beekkameen ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur te'e.18Dalleenni dhaka'aa sun dhakaa Yaasphisiitiin hujameera; qachaan sunille worqii qulloontee akka daaw'iti'ii ca'a jetteen hujameera.19Hundeen dalleya qacha'aa dhakaa gatii guddo'oo ka adda addaatiin seefameera. Dhakaan gatii guddo'oo ka hundeen irra dhaabbate sunille: ka qaraa Yaasphis, ka lammeesso'oo Safiiros, ka sadeesso'oo Kaalqedon, ka arfeesso'oo Simaaragidos,20ka shaneesso'oo sardoniikis, ka jayeesso'oo saardiyon, ka torbeesso'oo kirisoliixos, ka saddeetesso'oo beerilos, ka sagaleesso'oo tophaaziyon, ka kudhaneesso'oo kirisophiraasos, ka kudha tokkeesso'oo Hiiyaakinxos, ka kudha lammeesso'oo ametiisxos.21Karri kudha lamaanuu dooqa kudha lama qaddi; karri sunille tokko tokkonuu dooqa irraa hujameera; karaan qachaa sanii worqii qulqulluu akka daaw'itii ifa ifi keessa dabarsituutiin hujameera.22Waaqi Goottaan waan mara dande'uu fi Hoolichi Galma Waaqaa ka qachaa sanii waan te'aneef, qachaa san keessatti Galma Waaqaa ani hin dhaggine.23Ulfinni Waaqaa, qachaa saniif ifa waan kennuu fi Hoolichille ifa isaa waan te'eef, qachaa saniif aduun yookiin jiin akka issuuf hin barbaachisu.24Gosi biyya adda addaa ifa qachaa sanii keessa deddeeman; moototi lafaalle karra ifii ta ulfinnaa gara qachaa sanii fidan.25Halkan achi waan hin jirreef, karri qachaa sanii guyyaa tokkolle hin cufantu.26Ulfinnii fi guddinni gosa biyya adda addaa gara qachaa kanaa galan.27Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu.