Mudhii Yohaannisii2gax_twf

Ergaa Wolde'a Efesooniitii Ergante

1«Ergamaa wolde'a kiristaana Efesooniitiif akkas jedhii barreessi: «Urjoota torba ka harka middichaan qabateeru, waan issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torbaanuu odduu ka deddeebi'u akkana jedha:2Hujii teeti, itti dadhabuu keetii fi ciniinnattee ossatuu keeti beekeera. Worra hamaa cadhittee akka ati hin lakkinne, worra ergantoota adoo hin te'in ‹Nuuti ergantoota› ifiin jedhanu qortee ilaaltee sobaaleyyii akka te'ane akka dhaggitelle ani hin beeka.3Ciniinnattee ossattee, maqaa kiyyaaf rakkinna fudhattee, tana mara akka ati hin dadhabin ani hin beeka.4«Te'uu malee, waan si ciicadhuqaba; sunilleen, jaalala duri qaddu lakkitteerta.5Yoona maan irraa akka jidde yaadadhu! Cubbuu irraa deebi'iitii hujii duri hujju huji! Yoo cubbuu irraa hin deebi'in, ani sitti dhufee waan issaan keeti irra keyamu addee isaatii fuudha.6Ammoo waan dansaa kana qadda: Hujii Niqolaawotaa ta ani jibbu atille hin jibbita.7«Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu, muka jiruu kennu ka fichaa Waaqaakeessa jiru irraa akka nyaatu hin tolcha.

Ergaa Wolde'a Simiirna'aatii Ergante

8«Ergamaa wolde'a kiristaana Simiirnaatiif akkas jedhii barreessi: «Ka duraatii fi duuba, ka du'ee, deebi'ee jiraataa te'e akkasi jedha:9Rakkinnaa fi hiyyummaa teeti hin beeka; te'uu malee ati dureessa. Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhaa worra maqaa keeti balleessu ani hin beeka; isaan wolde'a Seexanaa ti.10Rakkinna sitti dhufaaru hin sodaatin. Kunoo, Seexanni isin haga ilaaliisaaf, isin keessaa garii mana hidha'aatitti hin galcha; guyyaa kudhan hin rakkatan. Haga du'aatitti ka addatante te'i; anille kallacha jiru'uu si'iif hin kenna.11«Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu du'a lammeesso'ootiin hin miidhamu.

Ergaa Wolde'a Phergamooniitii Ergante

12«Ergamaa wolde'a kiristaana Phergamooniitiif akkasi jedhii barreessi: «Ka shallaagaa qara lamaa, ka qarame qabu akkas jedha:13Addee barcumaan mootummaa Seexanaa jiru akka ati leetu ani hin beeka; te'uu malee maqaa kiyya jabeessitee qabatteerta. Bara dhugaa-bayaan addatamaan kiyya Antiiphaas qachaa keessan ka Seexanni keessa le'u keessatti ijjeefamelle, dhugeeffannaa na irratti qaddu hin mormanne.14«Te'uu malee waan si irratti ciicadhu waan diqqaa qaba: Ijoolleen Israa'elii sagalee waan Waaqa hin te'iniif woreegante akka nyaattuu fi akka sagaagaltu gufuu dura keyiisaaf, barsiisa Bala'aamii ka Baalaaq barsiise worri hordofu isin keessa jira.15Akkasuma barsiisa worra Niqolaawotaa worra hordofulle qadda.16Tanaaf cubbuu irraa deebi'i; yoo akkas hin te'in, ani ariifadhee dhufee, shallaagaa afaan kiyyaatiin isaan hin lola.17«Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nama injifatuuf sagalee mannaa jedhantu ta dhokatteertu hin kennaaf. Akkasuma dhakaa adii ka maqaan haarenni irratti barreeffameeru, ka nama fudhatu san malee eennulle hin beenne hin kennaaf.

Ergaa Wolde'a Tiyaatira'aatii Ergante

18«Ergamaa wolde'a kiristaana Tiyaatira'aatiif akkas jedhii barreessi: «Ilmi Waaqaa, ka ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaattu, ka miilli isaalle sageettuu dhiillee morodante fakkaatu akkas jedha:19Hujii teeti, jaalala keeti, dhugeeffannaa teeti, tajaajilaa fi ciniinnatee ossatuu keeti ani hin beeka; akkasuma hujiin teeti ta qaraa ta ammaa akka caaltu ani hin beeka.20«Te'uu malee waan si irratti ciicadhu qaba: Dubartii Iizaabel jedhantu ta ifiin, ‹Ani raaddu'u› jettu cadhittee itti lakkitteerta. Isiin barsiisa ifiitiin akka tajaajiltooti tiyya sagaagaltuufi sagalee waaqa dharaatiif woreegante akka nyaattu dokonkorsiti.21Akka isiin cubbuu sagaagalumma'aa irraa deebituuf yennaa isi'iif kenneeraayyu; isiin ammoo deebi'uu didatte.22Maarre ani akka isiin dhukkuffattee taqee irra ciittu godha, worri isii gaarayyeeffatulle hujii isi'ii hantuu irraa yoo hin deebi'in, ani rakkinna guddaa itti fida.23Ijoolleeisi'iille hin ijjeesa; kanaan wolde'ooti kiristaanaa duudiin, ka yaadaa namaatii fi gadhaa namaa qorqoru ana akka te'e hin hubatan. Tokko tokkoo keessaniifuu akkuma hujii teessaniititti isiniif hin kenna.24«Tiyaatiraa keessatti, isin worra barsiisa isi'ii hin hordofinii fi ‹Dhossaa guddoo Seexanaa› ta jedhante worra hin baratin hattaneen ammoo, waan jedhu: Ba'aa dhibii isin irratti hin fe'u;25haga ani dhufutti woma qaddanu san jabeessa'aa qabadha'a.26Akkuma ani abbaa kiyya biraa baallii fudhadhe, nama injifatuu fi nama hujii tiyya haga muumme'eetitti hujuuf, gosa mara irratti baallii hin kennaaf; innille, ulee bokku'uu ta sibiilaatiin gosa san hin bulcha; akka okkotee faaraalle isaan caccassee butucha.28Bakkalcha bari'iille ani isaaf hin kenna.29«Nami gurra qabu waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti!» ta jettu.