Mudhii Yohaannisii19gax_twf

1Kanaan duuba qoonqoo, qoonqoo kolbaa bindilla'aa fakkaattu, qoonqoo guddoo ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille, «Halle luuyyaa! Fayyisiis, ulfinnii fi hunni ta Waaqa keennaa ti!2Muraan isaa dhuga'aa fi sirrii waan teeteef, inni sagaagaltuu guddittii sagaagalummaa ifiitiin lafa balleessite sanitti mureera; dhiiga tajaajiltoota ifii ta isiin dhangalaattelle baaseera» ta jettu.3Ammalle itti dabalanee, «Halle luuyyaa! Aarri qachaa gubatu sanii, bara baraa haga bara baraa ol ka'a» jedhane.4Maanguddooti diddamii afurii fi dadi lubbuu qaddu arfan gadi lafatti jiganee, Waaqa barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeruuf sagadanee, «Ameen, halle luuyyaa!» jedhane.

Jila Fuudha Hoolichaa

5Qoonqoon takka barcumaa mootumma'aa biraa baatee, «Isin tajaajiltooti isaa marti, isin worri isa sodaattanu, diqqa'aa fi guddaan, Waaqa keenna leellisa'a!» jette.6Kanaan duuballe waan akka qoonqoo kolbaa bindilla'aa, ta akka shookkessa bisaan yaa'uutii fi gikkeessa mandiisuu jaddu'uu fakkaattu takka dhage'e, isiille, «Halle luuyyaa! Goottaan keenna Waaqi, ka waan mara dande'u mooti'i.7Guyyaan jila fuudha Hoolichaa waan geyee fi waajibittiin isaalle waan ifi qopheeffatteef, kowa'a gammannee ilillinnaa! Ulfinnalle isaaf kennina!8Woyaan quncee talba'aa irraa hujante, ta calalaxxuu fi qulqullittiin, akka isiin uffattuuf isi'ii kennante» ta jettu; woyaan quncee talba'aa irraa hujante sunille hujii balchittii kolbaa Waaqaa ti.9Ergamaan Waaqaa sun anaan, « ‹Worri gara jila fuudha Hoolichaa waamame worra badhaadhe› jedhii barreessi» jedhe. Itti aanseelle, «Kun jecha Waaqaa dhugicha» naan jedhe.10Anille isaaf sagadiisaaf miila isaatitti jige; inni ammoo, «Lakkisi! Tana hin godhin! Anille, si'ii fi obboleeyyan teeti ta dhugaa baya Yesuusii fudhatte woliin tajaajila'a; dhugaa bayi Yesuusii Ayyaana raagaa waan te'eef, Waaqaaf sagadi» naan jedhe.

Ka Farda Adii Irra Tee'eeru

11Achiin duuba ol-gubbaan banantee, fardi adiin tokkolle achi jiruun dhagge. Farda san irralle, «Addatama'aa fi dhugaamessa» ka jedhamu tee'eeraayyu; inni balchumma'aan mura, hin lolalle'e.12Ilti isaa akka bobe'a ibiddaa ti; mataa ifii irralle'etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera.13Inni woyaa dhiiga keessa cuuphanteertu uffateera; maqaan isaalle Jecha Waaqaa ti.14Loltooti ol-gubba'aa woyaa quncee talba'aa irraa hujante adi'ii fi qulqullittii uffatanee, fardoo adaadii irra tetee'anee isa gula deemiisatti jiraniiyyu.15Shallaagaan qara qabu ka inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baye; ulee bokku'uu ta sibiilaatiille'een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni'ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande'uu itti cunfantu hin dhiita.16Woya'aa fi gudeeda isaa irratti maqaan, «Mootii moototaatii fi Goottaa goottotaa» jedhu barreeffameera.17Achiin duuba ergamaan Waaqaa tokko aduu keessa dhaabbateeruun dhagge. Innille allaattota wodhakkaa gubba'aa keessa koolaan kaatu mara qoonqoo guddo'oon waamee, «Kowa'a, irbaata guddaa Waaqi isinii qopheesseef wolitti qabama'a!18Foon moototaa, foon abbootii duula, foon hunnaameyyi'ii, foon fardo'ootii fi worra fardoo irra tee'uu, akkasuma foon nama maraa, ka garbaatii fi ka garba hin te'inii, ka diqqa'aatii fi gudda'aa kowa'aatii nyaadha'a!» jedhe.19Achiin duuba bineensii fi moototi lafa irraa loltoota ifii woliin, ka farda irra tee'eeruu fi loltoota isaa loliisaaf wolitti qabamaneeranuun dhagge.20Bineensi sun ammoo qabame; raagichi dharaamessi fuula isaa duratti bilbaasota godhaa ture sunille isa woliin qabame. Inni, worra beessisa bineensaa ifi irraa qabuu fi worra fakkii isaatiif sagade, bilbaasota kanaan dokonkorse. Lamaanuu, akkuma lubbu'uun jiranuun abbaayaa dhakaa bobe'uun gubattutti qolaanfamane.21Worri hafanelle, shallaagaa afaan ka farda irra tee'eeruu keessaa bayuun ijjeefamane; allaattiin sun marti foon isaanii nyaattee quutte.