21Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe:“Baabilon magaalaa guddittiin,akkasuma furguggifamtee ni darbatamti;gonkumaas deebitee hin argamtu.22Sagaleen warra baganaa fi muuziiqaa taphatanii,sagaleen warra ulullee fi malakata afuufaniisiʼachi si keessatti hin dhagaʼamu.Ogeessi hojii harkaa tokko iyyuu,siʼachi si keessatti hin argamu.Sagaleen dhagaa daakuus,siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu.23Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu.Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii,lammata si keessatti hin dhagaʼamu.Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan.Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera.24Dhiigni raajotaatii fi dhiigni qulqullootaa,dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaasishee keessatti argame.”