Mudhii Yohaannisii18gax_twf

Jigiisa Baabilonii

1Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka baallii guddoo qabu ka dhibiin ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge; calalaqa ulfinna isaatiin ta kaate latti itte.2Innille qoonqoo guddo'oon iyyee:«Baabiloniin guddittiin jidde! Jidde!Isiin mana durriisotaa,addee ayyaanni battichi mara itti baqatu,addee sinbirreen battitti'ii fi diqachiittu martiitti qubatu teete!3Gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'iita sagaagala isi'ii waan unteertuuf,moototi lafa irraa isii woliin sagaagalaneeran;daddaltooti lafa irraalle qananummaa hunna isi'iitiin ta kaateduroomaneeran» jedhe.4Achiin duuba qoonqoo dhibii ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille:« ‹Kolbaa tiyya! Cubbuu isi'ii keessaa akka harka hin qabaanne,balaa isi'iille akka hin qoodanne,isii keessaa baya'a!5Cubbuun isi'ii haga ol-gubba'aa waan tuulanteertuuf,Waaqi yakkaa isi'ii qaabateera.6Haga isiin isinii kennite, deebisa'aatii kenna'aaf,waan isiin gootelle'eefdachaa lama deebisa'aatii godha'aaf!Muduunuu isiin itti bulbultetti,harka lama xiyya godha'aatii bulbula'aaf!7Qixxee isiin ulfinna ifiif kennitee, qanannumma'aan leete,farraa fi gadda kenna'aaf.Isiin gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Ani mootittii te'eera;ani haadha hiyyeessaatii moti;ijjumaa hin gaddu› ifiin jetti.8Tanaaf balaan isi'ii hedduun:duuti, gaddaa fi beelti,guyyuma tokkotti itti hin dhufan.Waaqi Goottaan isi'itti muru hunnaamessa waan te'eefisiin ibiddaan hin gubanti.9«Moototi lafa irraa ta isii woliin sagaagaltee fi qananumma'aan leete, aara yennaa isiin gubattu aaru yennaa dhaggane, isi'iif waacifanee bowan.10Farra isi'ii kanalle sodaatanee, fagoo dhaabbatanee, ‹Qachaa gudda'a, si'iif aanne'e! Aanne'e! Qachaa Baabilonii hunnaamessa, muraan teeti saatii takkaa keessatti dhutteerti› jedhan.11«Nami haganaa achi fe'iisa isaanii bitatu waan hin jirreef, daddaltooti lafaalle isi'iif waacifanee bowan.12Fe'iis sunille: Worqii, meetii, dhakaa gatii guddo'oo, dooqa, woyaa miila talba'aa irraa hujante, woyaa dhiillee, woyaa haarri'ii, woyaa diintuu, muka uddowu mara, waan ilka arbaa irraa, muka gatii guddo'oo irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa fi waan dhakaa adii irraa hujame mara,13qarafaa, qimamii, hixaana, qumbii, uddowaa iffataa, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, bullaa, qamadii, loon, hoolee, fardoo, garreettota fardaan harkifamanu, garboole'ee fi namoota.14«Daldaltootille isi'iin, ‹Wonni dansaan ati halchite si irraa bayyatteerti; durumma'aa fi ulfinni keeti mara badeera; deebi'eelle hin dhufu› jedhan.15Daddaltooti waan kana gurgurataa isi'iin duroomane farra isi'ii sodaatanee fagoo dhaabbatan; waacifaa bowaa,16qoonqoo guddo'oon iyyaa:« ‹Qachaa guddicha,woyaa quncee talba'aa irraa hujante,woyaa dhiille'ee fi diintuu uffataa tureef,ka worqi'ii fi dhakaa gatii gudda'aa,dooqalle naqataa tureef aanne'e! Aanne'e!17Saatii takkaa keessattidurummaan sun duudiin badde!› hin jedhan.« ‹Worri hoboloo guddittiiajaju, worri hoboloo gudditti'iin ideemu, worri hoboloo guddittii keessa huju, worri abbaayaa irratti daddaliisaan le'anu duudiin irraa fagaatanee hin dhaabbatan.18Qachaan kun gubatuun aara bawu yennaa dhaggane, «Qachaan guddaan qachaa kana fakkaatu ka biraa hin jiraayyuu?» jedhan.19Bukuu mataa ifii irratti firfirsanee, waacifaa bowaa,« ‹Qachaan guddichika worri abbaayaa irrattihoboloo guddittii qabanu duudiin,karra isaatiin duroomane,saatii takkaa keessatti waan badeefaanne'e! Aanne'e!› jedhaa iyyan.20« ‹Ol-gubba'a, badii qachaa kanaatitti gammadi!Waan Waaqi marroo teessaniif itti mureef,isin kolbaan Waaqaa,ergantootii fi raagoti,gammada'a!› jette» ta jettu.21Kanaan duuba ergamaan Waaqaa jabaan tokko dhakaa akka dhakaa daaku'uu guddaa tokko fuudhee abbaaya'atti darbee:«Qachaan Baabilonii guddichiakkas hunnaan qolaanfamee,gad darbama,deebi'eelle hin dhaggamu!22Qoonqoon worra kiraara guddicha dhowuu,qoonqoon worra weeddisuu,ka worra susulle'ee fi tultullaa afuufuu,deebitee si keessatti hin dhage'antu.Ogeeyyiin hujii adda addaa hujju,deebitee si keessatti hin dhaggantu.Qoonqoon dhakaa daaku'uulle,deebitee si keessatti hin dhage'antu.23Ifi issa'aa,deebi'ee si keessatti hin ifu.Qoonqoon waajibichaatii fi waajibitti'ii,deebitee si keessatti hin dhage'antu.Daddaltooti keetinamoota gugurdoota biyya lafaa ti.Ati xanoo teetiin kolbaa duudiidokonkorsiteerta.24Dhiigi raagotaatii fikolbaa Waaqaa,ka worra lafa irratti ijjeefamee duudiin,qachaa Baabilonii keessatti dhaggameera» jette.