Sagaagaltuu Guddittii
1Ergantoota Waaqaa torba ta muduunuu torba qaddu keessaa tokkochi dhufee anaan, «Koy, muraa sagaagaltittii gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teeteertuu sitti mudhisa.2Moototi lafa tanaa isii woliin sagaagalteerti; worri lafa irra le'ulle daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'iitiin machoweera» jedhe.3Achiin duuba ergamaan Waaqaa sun gara lafa goomole'ee Ayyaanaan na geesse; achille'etti dubartiin takka, bineensa diimaa ka nafi isaa duudiin maqoota faansho'ootiin guutameeru, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabu irra teeteertuun dhagge.4Dubartittiin sun woyaa dhiille'ee fi diintuu uffattee, worqii, dooqaa fi dhakaa gatii guddo'oo naqattee, ifi seefatteerti; harkalle'etti muduunuu worqi'iin hujante, ta waan diqachiisuu fi battii sagaagala isi'iitiin guutanteertu qaddiiyyu.5Maqaan dhossa'aa ka, «Baabilonii guddittii, haadha sagaagaltootaatii fi battoota lafaa» jedhu adda isi'ii irratti barreeffameera.6Dubartittiin sunille, dhiiga woyyootaatii fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiitiin machootteertuun dhagge; ani yennaa isii dhagge akka malee baaseffadhe.7Achiin duuba ergamaan Waaqaa, «Maaf baaseffatta? Dhossaa dubartitti'iitii fi bineensa isiin irra teetteertuu, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabuu san, ani sitti hima.8Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle'ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le'anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi'eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan.9«Wonni tun qalbii qaruu qaddu barbaaddi; mataan torba sun gaara torba dubartittiin irra teettu; isaan sunille mootota torba.10Isaan keessaa shan jiganeeran; tokkochi hin jira, ka dhibiin haga ammaa hin dhunne; yennaa dhufu ammoo yennaa diqqoo qofaaf turuuqaba.11Bineensi duri jiru, ka amma ammoo hin jirre sun, mooticha saddeetesso'oo ti; innille mootota torba san keessaa tokko; gara badi'iille hin deema.12«Gaafi kudhan ati dhaggite sun, mootota kudhan ta haga ammaa mootummaa hin fudhatin; te'uu malee saatii takka'aaf, bineensa san woliin mootota te'anee mowiisaaf baallii hin fudhatan.13Isaan yaada tokko qaban; hunna ifiitii fi baallii ifii bineensa saniif hin kennan.14Isaan Hoolicha hin lolan; Hoolichi ammoo Goottaa goottotaatii fi mootii moototaa waan te'eef, isaan hin mowata. Worri isa woliin jiru, worri waamame, worri filamee fi worri addatamelle isa woliin hin mowata» jedhe.15Ergamaan Waaqaalle anaan, «Bisaan hedduun sagaagaltittiin irra teetteertuun ati dhaggite sun kolbaa hedduu, namoota bindillaa, gosa biyya adda addaatii fi afaan adda addaa ti.16Bineensii fi gaafi kudhan ati dhaggite sun sagaagaltittii san hin jibban; isaan isii onsanee qullaa lakkisan; foon isi'ii hin nyaatan, ibiddalle'een isii hin guban.17Haga Jechi Waaqaa muummowu, karoora isaa akka muummessanuu fi yaada tokko te'anee baallii ifii bineensa saniif akka kennanuuf, ka yaada kana gadhaa isaanii keessa keye Waaqa.18Dubartittiin ati dhaggite sunille, qachaa akka malee guddaa te'e ka mootota lafaa irratti mootomu» jedhe.