Muduunuu Mufii Waaqaa Torba
1Achiin duuba Galma Waaqaa keessaa, qoonqoon guddoon ergantoota Waaqaa torbaaniin, «Dhaqa'aatii, qorii mufii Waaqaa torba lafatti gadi naqa'a!» jettuun ani dhage'e.2Ergamaan Waaqaa ka qaraa dhaqee qorii ifii lafatti gadi naqe; worra beessisa bineensaa ifi irratti qabuu fi worra fakki'iif sagade irratti madaan hantuun farrisiittu baate.3Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oo, qorii ifii abbaayaa irratti gadi naqe; abbaayaan guddoon sunille akka dhiiga nama du'ee teete; wonni lubbuu qabanu ka abbaayaa san keessa le'anu mara du'ane.4Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oo qorii ifii lagaa fi madda bisaanii irratti gadi naqe; isaaniille dhiiga te'ane.5Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka bisaan irratti baallii qabu dubbatuun dhage'e; inni,«Ee, Woyyicha,ka amma jirtuu fi durille jirtu,waan akkas murteef,ati sirri'i;6isaan dhiiga woyyootaatii firaagotaa dhangalaasaneeran;atille akka isaan dhiiga unanu gooteerta;kun waan isaaniif male!» jedhe.7Qoonqoon takkalle addee ciincaan itti ciinceffamu irraa,«Ee, Goottaa Waaqa waan mara dandeettu,muraan teeti dhuga'aa fi sirri'i»jettuun dhage'e.8Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oolle, qorii ifii aduu irratti gadi naqe; aduulle ibidda ifiitiin akka namoota woxaltuuf baalliin kennanteef.9Isaanille finiina hama'aan woxalamane; isaan maqaa Waaqa balaa kana mara irratti baallii qabuu abaarane malee, cubbuu irraa hin deebine, ulfinnalle isaaf hin kennine.10Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oolle, qorii ifii barcumaa mootummaa bineensaa irratti gadi naqe; mootummaan bineensaalle dukkanaan liqinfante; namootille farra irraa ta kaateen arraba ifii cicciniinane.11Farraa fi madaa ifii irraa ta kaateen Waaqa ol-gubba'aa abaarane malee, hujii ifii hantuu irraa hin deebine.12Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oolle, qorii ifii laga Efraaxiisii guddicha irratti gad naqe; mootota gara aduun baatuu dhufanuuf, akka karaan qophowuuf bisaan lagaa sun goge.13Achiin duuba afaan jawwe'ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sad ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge.14Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande'uutitti lola te'uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan.15«Kunoo, ani akka hattu'uu yennaa hin beekkanne dhufa! Nami akka qullaa hin teenee fi akka nafi fokkoo isaa hin mudhanneef, dammaqee, woyaa ifii eeggatu ka badhaadhe!»16Ayyaanoti hamooti sun mootota san addee afaan Ibrootaatiin, «Armaagedoon» jedhantutti wolitti qabane.17Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo qorii ifii qilleensa irratti gadi naqe; barcumaa mootumma'aa ka Galma Waaqaa keessa jiru irraa, qoonqoon guddoon, «Muummotte» jettu baate.18Achiin duuba balaqqeettiin balaqqitte, huuruun dhage'ante, mandiisuun mandiite, lattille akka malee tachoote; haga nami lafa irratti dadameen jalqabee tacho'i lafaa guddaan akkasii te'ee hin beeku.19Qachaan akka malee gudddaan sun addee saditti gargar baye; qachaan guddaan gosa biyya adda addaalle diigame. Waaqi Baabilon guddoo qaabatee, muduunuu daadhii woyni'ii ta mufii jaddu'uun guutante keessaa akka untu tolche.20Oddoolli marti baqatane; gaarotille dhabamane.21Dhakaan bokkeyaa gugurdaan, ka tokkoon tokkoon isaa gara kiiloogiraama afurtamii shanii ulfaatu, gubba'aa gad namoota irra bubbu'e; balaan sun farrisiisaa waan te'eef, balaa dhakaa bokkeyaa saniin ta kaate, namooti Waaqa abaarane.