Mudhii Yohaannisii13gax_twf

Bineensota Lama

1Kanaan duuba bineensi tokko abbaayaa keessaa bayuun dhagge. Bineensi sun gaafa kudhanii fi mataa torba qaba; gaafota ifii irralle'etti kallacha kudhan, mataa ifii irralle'etti maqoota Waaqa faanshessanu qaba.2Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba'aafakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite.3Matoota bineensa sanii keessaa mataan tokkochi madaa ijjeettu waan qabu fakkaata; ammoo madaan sun fayyiteerti. Biyyi duudiin baaseffattee, bineensa san hordotte.4Jawween baallii ifii bineensa kanaaf waan kenniteef, namooti isi'iif sagadane; akkasuma bineensa sanille'een, «Ka akka bineensa kanaa jiru eennu? Eentu isa loliisaaf dande'a?» jedhaa sagadaneef.5Afaan jecha kooraa ittiin dubbatuu fi Waaqa ittiin faanshessu bineensa saniif kenname; ji'a afurtamii fi lama baalli'iin akka hujuufille eeyyam kenname.6Innille Waaqa, maqaa Waaqaa, addee ulfaattuu Waaqi le'uu fi worra ol-gubbaa keessa le'u faanshessiisaaf afaan banate.7Akka inni woyyoota lolee injifatuuf hunni isaaf kennante. Gosa, kolbaa, afaanii fi gosa biyya adda addaa mara irralle'etti baalliin kennanteef.8Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le'anu marti bineensa saniif hin sagadan.9Nami gurra qabu dhage'uu ti!10Nami booji'amu, hin booji'ama; nami shallaaga'aan ijjeefamu shallaagumaan ijjeefama. Ciniinnatanee ossiisaa fi addatamiisi kolbaa Waaqaa yennaa tana barbaachitti.11Achiin duuba bineensi dhibiin lafa keessaa bayuun dhagge. Akka hoole'ee gaafa lama qaba, ammoo akka jawwe'ee dubbate.12Inni maqaa bineensa qaraatiin baallii guutu'uun hujiisatti jiraayyu; lafaa fi worri isii irra le'anu maraa, bineensa qaraa ka madaa ijjeettu irraa fayye akka waaqonfatanu godhe.13Kolbaa duralle'etti haga ibidda ol-gubbaa irraa gad gara lafaa buusiisaatitti bilbaasa gugurddaa huje.14Maqaa bineensa qaraatiin bilbaasa akka hujuuf baalliin waan kennanteertuuf, worra lafa irra le'anu wollaalchise; bineensa shallaaga'aan madayee, ammoo ka lubbu'uun jiruuf, fakkii akka dhaassisanuufille ajaje.15Fakkiin bineensa qaraa dubbatiisa akka dandeettu hafuura akka isi'iif kennuu fi worra fakkii tanaaf hin saganne maraa akka ijjeesisuuf baalliin kennante.16Akkasuma diqqa'aa fi guddaan, dureessii fi hiyyeessi, gootta'aa fi garbichi marti harka middicha irratti yookiin adda ifii irratti beessisa akka godhatanu hunnaan tolche.17Beessisa bineensa qaraa ka maqaa isaa yookiin laakkossa maqaa isaa mudhisu, yoo ifi irraa qabaate malee, nami tokkolle bitatu'uu fi gurguratuu akka hin dandeenneef akkasi tolche.18Wonni tun qarummaa barbaaddi. Laakkossi kun laakkossa namaa waan te'eef, nami qalbii qabu maraa laakkossa bineensa kanaa herregee bira gewuu ti; laakkossi isaalle, dhibba jaa fi jaatamii fi ja.