Dubartitti'ii Fi Bineensa Jawwee Fakkaatu
1Kancirri guddaan tokko ol-gubba'atti mudhate; dubartiin aduu uffattee, ji'a miila jala keyattee, kallacha urjoota kudha lamaamata'atti keyatteertu takka mudhatte.2Isiin ulfa qaddi; yennaa deyiisaaf ciniinsifattu, ciniinsu'uun rakkattee iyyite.3Kancirri dhibiille ol-gubba'atti mudhate; jawweenguddoon diintuun, ta mataa torbaa, ta gaafa kudhan qadduu fi kallacha torba mata'atti keyatteertu takka mudhatte.4Eegeen isi'ii urjoota harka sad keessaa harka tokko ol-gubba'aa harkittee gad lafatti qolaansite. Jawween sun, akkuma dubartittiin deetteen mucaa isiin deettu liqinsiisaaf, isii deya geette dura dhaabbatte.5Isiin ilma gosa biyya maraa ulee sibiilaa ta bokku'uutiin bulchu deette; mucaan gara Waaqaatii fi gara barcumaa mootummaa ifii ol fudhatame.6Dubartittiille, gara addee Waaqi akka isiin guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin leetu dhaggattuufqopheessee, gara lafa goomole'ee baqatte.7Kanaan duuba ol-gubbaalle'etti lolli ka'e. Mikaa'elii fi ergantooti isaa jawwee san lolane; jawwe'ee fi ergantuun isi'iille deebisane isaan lolane;8te'uu malee jawwe'ee fi ergantooti isi'ii injifatamane; addee ol-gubba'atti qabanulle dhabane.9Jawween guddoon gad qolaanfante; isiin Diyaabiloosii yookiin Seexana biyya lafaa duudii wollaalchise jedhamu, dhudhuufaa bara durii ti. Isiin gad gara lafaa qolaanfante; ergantooti isi'iille isii woliin qolaanfante.10Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage'e; isiilleen,«Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fibaalliin Kiristoosii isaa dhutteerti.Himattooti obboleeyyan teennaa,ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna durattiisaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti.11Obboleeyyan teennalle,dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiinisa mowataneeran;lubbuu ifii adoo hin jaalatindu'aaf dabarsanee ifi kennaneeran.12Maarre yoona ol-gubbootii fiworri isaan keessa leetanu gammada'a!Lafaa fi abbaayaa guddo'o, isiniif ammoo aanne'e!Sababille Seexanni yennaa gabaadduu callaa akka qabu beekee,mufii gudda'aan gadi gara keessan dhufeera» jedhe.13Jawween sun gara lafaatitti akka gad qolaanfante yennaa beette, dubartittii ilma deette san ari'utti kaate.14Dubartittiin ammoo gara lafa goomole'ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka'aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi'iif kenname.15Achiin duuba jawween sun akka dubartiin sun lola'aan fudhatantuuf, bisaan akka lagaa, afaan ifii keessaa, dudda isi'ii duubaan gadi naxxe.16Latti ammoo dubartittii gargaarte; afaan ifii bantee laga jawween afaan ifii keessaa gadi naxxe san liqinsite.17Jawween sunille dubartii sanitti aartee, ijoollee isi'ii ta hatte woliin loliisaaf dhaxxe; isaan worra ajaja Waaqaa eeggatuu fi dhugaa baya Yesuusii qabatu.18Jawween sun maansa cinaa abbaaya'aa irra dhaabbatte.