Mudhii Yohaannisii11gax_twf

Dhugaa Baatota Lama

1Achiin duuba uleen ittiin mikanuta leemma fakkaattu naaf kennante; analle'een, «Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkow.2Addee Galma Waaqaatiin fuula dura jirtu ammoo hin mikin. Sababille addeen sun worra Yihudoota hin te'iniif kennanteerti. Isaan qachaa woyyicha ji'a afurtamii lama irra hirbeessan.3Ani dhugaa baatota tiyya lamaaf hunna hin kenna; isaaniille woyaa gaddaa uffatanee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatama hin raagan» jedhame.4Dhugaa baatoti lama, ta Waaqa Goottaa biyya lafaa dura dhaabbattu tun, muka ejersaa lamaa fi waan ifi irra keyamu lama.5Eennulle isaan miidhiisaaf yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa bayee diina isaanii hin balleessa; ka isaan miidhiisaaf barbaadu mara akka kanaan ijjeefaman.6Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yennaa fedhane mara balaa te'e maraanuu lafa dhowiisaaf baallii qaban.7Yennaa isaan dhugaa bayiisa fixatane, bineensi hamaanboolla qilee keessaa bayee isaan adhee injifatee, hin ijjeesa.8Reeffi isaaniille hodhicha guddaa qachaa gudda'aa irra hin ciciisa; qachaan kun addee Goottaan isaanii itti fannifame, ta yennaa fakkeennaan dubbatantuSodoom yookiin Gibxi jedhantu.9Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daaw'atan, hin awwaalchisanulle'e.10Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan.11Guyyaa sadii fi wodhakka'aan duuba ammoo, hafuurri jiru'uu Waaqa biraa dhufee itti gale; isaanille ka'anee miila ifiitiin dhaabbatane; worri isaan dhagge duudiin bararaqe.12Achiin duuba ol-gubbaa irraa qoonqoo guddoo ta, «Asi baya'a!» isaaniin jettu dhage'ane; diinoti isaanii adoo ilaalanu duumensa keessa gara ol-gubba'aa bayane.13Saatuma sanitti tacho'i lafaa guddaan te'ee, qachaan sun harka kudhan keessaa harki tokko diigame; tacho'a lafaa saniin namooti kum torba du'ane; worri hafanelle bararaqanee, Waaqa ol-gubba'aatiif ulfinna kennane.14Aanneen lammeesso'oo dabarteerti; kunoo aanneen sadeesso'oo dhufaarti.

Tultullaa Torbeesso'oo

15Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle'etti qoonqoon hedduun guddoon, «Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosiiisaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin mowa» jettu dhage'ante.16Maanguddooti diddamii afur, ka fuula Waaqaa duratti barcumaa ifii ka mootumma'aa irra tee'aneeranulle, addaan gombifamanee Waaqaa sagadanee,17«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu,ka ammaa fi durille jirtu,hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef,si galateeffanna.18Worri Yihudoota hin te'in mufate;mufiin teetille dhutte.Yennaan worri du'e muraa dhaggatulle geette;yennaan tajaajiltooti teeti raagotii fiworri si'iif woyyoome,worri maqaa keeti ulfeessuworri didiqqa'aa fi worri gugurdaan,gatii ifii dhaggatanu geette.Yennaan worra lafa balleesse,balleessitulle geette» jedhane.19Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondoorooisaa mudhate. Balaqqeettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e.