Faarfannaa99gaz_bib

1Waaqayyo moʼeera;saboonni haa hollatan;inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa;lafti haa raafamtu.2Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha;inni saboota hunda irra ol ol jedheera.3Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan;inni qulqulluu dha.
4Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata;ati tola hundeessiteerta;Yaaqoob keessattis haqaa fiqajeelummaa hojjetteerta.5Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa;ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;inni qulqulluu dha.
6Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan;Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture;isaan Waaqayyoon waammatan;innis deebii kenneef.7Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate;isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.
8Yaa Waaqayyo Waaqa keenya,ati deebii isaanii kennite;ati balleessaa isaanii adabdu illee,Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte.9Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa;tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa;Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.