Kitaaba Faaru'uu99gax_twf

Waaqi Mootii Ol Aana'a

1Mootiin Waan Maraa mooti'i;gosi biyya adda addaa hollattuu ti!Inni barcumaa mootumma'aa irraodduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu te'eera;lattille tachootuu ti.2Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessatti gudda'a;inni gosa biyya adda addaa irratti ol aana'a.3Maqaa keeti gudda'aa fi sodaatamaa leellisanuu ti.Inni woyyu'u!4Ati mootichi hunnaamessa;ati haqa jaalata;waan sirrii te'e hundeessiteerta;Israa'el keessatti haqaa fi balchummaa hujjeerta.5Mootii Waan Maraa Waaqa keenna saada'a;miila isaa jalatti sagada'a!Inni woyyu'u!
6Hayyoota isaa keessaa gariin Muuse'ee fi Aaron;worra maqaa isaa waame keessaa tokkochi Saamu'el;isaan maqaa Mootii Waan Maraa waammatane;innille isaaniif deebii kenne.7Inni utubaa duumensaa keessaa isaanitti dubbate;isaanille qajeelfamaa fiseerata inni isaaniif kenne eegatane.8Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna,ati deebii isaaniif kennite;cubbuu isaaniitiif haluu isaan baatulle,ati Waaqa araaraa isaaniif teeteerta.9Mootiin Waan MaraaWaaqi keenna woyyuu waan te'eef,isa saada'a;gaara isaa woyyicha irratti isa waaqonfadha'a.