Faarfannaa98gaz_bib
Faarfannaa.
1Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa;inni dinqii hojjeteeratii;harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun,akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.2Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera;qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.3Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaamana Israaʼeliif yaadateera;daariin lafaa hundinuu,fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru.4Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa;faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;5baganaadhaan faarfannaa galataa,baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa;6malakataa fi sagalee gaanfaatiin,fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa.7Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu,addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.8Lageen harka isaanii haa rurrukutan;tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;9isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan;inni lafatti murteessuu ni dhufaatii.Inni addunyaaf qajeelummaadhaan,namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.