Kitaaba Faaru'uu
98
/
gax_twf
Abbaa Mura'aa Ka Biyya Lafaa Leellisa'a
Faaruu
1
Inni hujii maade'ee waan hujeef,
faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;
inni harka ifii middichaa fi
irree ifii woyyitti'iin injifateera.
2
Mootiin Waan Maraa
fayyisiisa ifii akka beekkamu godheera;
balchummaa ifiille
gosa biyya adda addaatitti mudhiseera.
3
Inni jaalala ifii ka bara baraatii fi
addatamummaa ifii
mana Israa'eliitiif yaadateera;
worri qaccee lafaa jiru marti
fayyisiisa Waaqa keennaa dhagganeeran.
4
Kolbaan lafa irraa marti
Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a;
gammadaa fi faaru'uun isa leellisa'a.
5
Qoonqoo kiraara guddichaatiin
kiraaraa guddichaa fi faaru'uun
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
6
Tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufaa,
Mootii Waan Maraa mooticha duratti ilillisa'a.
7
Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti,
biyyi lafaatii fi wonni isii keessa le'u marti
shookkisanuu ti.
8
Lagooti harka dhowanuu ti;
gaaroti adduma tokko ilillisanuu ti.
9
Mootiin Waan Maraa
kolbaa lafaatitti muriisaaf waan dhufuuf,
isa duratti faarfatanuu ti.
Inni biyya lafaatitti balchumma'aan,
kolbaa maratti haqaan hin mura.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter