Faarfannaa97gaz_bib
1Waaqayyo moʼeera; lafti haa gammaddu;biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.2Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru;qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti.3Ibiddi fuula isaa dura deemeediinota isaa naannoo isaatii fixa.4Balaqqeen isaa addunyaa ibsa;laftis argitee hollatti.5Tulluuwwan fuula Waaqayyoo duratti,fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu.6Samiiwwan qajeelummaa isaa labsu;saboonni hundinuus ulfina isaa argu.7Warri fakkii waaqeffatan,kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman;isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa!8Yaa Waaqayyo, sababii murtii keetiitiif,Xiyoon dhageessee ililchiti;gandoonni Yihuudaas ni gammadu.9Yaa Waaqayyo, ati lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii ti;ati waaqota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta.10Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee,harka hamootaa jalaa isaan baasuuf,warri Waaqayyoon jaallatan hammina haa jibban.11Qajeeltota irratti ifni ni ifa;gara tolootaafis gammachuun ni dhufa.12Isin qajeeltonni Waaqayyotti gammadaa;maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.