Kitaaba Faaru'uu97gax_twf

Waaqa Bulchaa Ol Aanaa

1Mootiin Waan Maraa mooti'i!Latti gammadduu ti;isin worri oddoola abbaaya'aakeessa jirtanulle gammada'a.2Duumensii fi dukkanti dimmiisa marsaneeran;balchumma'aa fi haqihundee mootummaa isaa ti.3Ibiddi dura isaa ideemaa,diinota isa marsaneeranu mara guba.4Balaqqeettiin isaa biyya lafaa issiti;lattille dhaggitee rommiti.5Mootii Waan Maraa ka lafa duudi'ii duratti,gaarri akka gaga'aa hin baqa.6Ol-gubbaan balchummaa isaa lassiti;kolbaan martille ulfinna isaa dhaggiti.
7Worri fakkii waaqonfatu,ka waaqota dharaa gatii hin qanneen kooru martihin fokkifatan;waaqoti marti isaaf jilbiiffatan.8Ee Mootii Waan Maraa, marroo muraa teetiiworri Xiyoonii dhage'anee hin gammadan;kolbaan Yihuda'aalle hin ilillitti.9Ee Mootii Waan Maraa,ati lafa mara irratti Ol Aana'a;ati waaqota mara caalta.
10Worri Mootii Waan Maraa jaalatu,waan hantuu jibbuu ti;inni lubbuu worra addatama'aa waan eeguuf,harka worra hamaaleyyi'ii jalaa isaan hin baasa.11Ifi worra balcha'aaf,gammaddi worra qajeela'aaf baya.12Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a;maqaa isaa woyyicha leellisa'a.