Faarfannaa96gaz_bib

1Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.2Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.3Ulfina isaa saboota gidduutti,hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
4Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.5Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;Waaqayyo garuu samiiwwan uume.6Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.
7Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa;ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.8Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.9Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa;isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.10Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa;addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.
11Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.12Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan.Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.13Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;inni lafatti murteessuuf ni dhufa.Addunyaatti qajeelummaadhaan,sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.