Kitaaba Faaru'uu96gax_twf

Waaqa Mooticha Ol Aanaa

1Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;Kolbaan lafa irraa martiMootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a.2Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a;maqaa isaa leellisa'a.Guyyuma guyya'aan fayyisiisa isaa lassa'a.3Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa,kolbaa maratti hujii isaa ta maade'ee lassa'a.
4Mootiin Waan Maraa guddaa waan te'eef,guddifamee leellifamuu male;waaqota mara caalaa sodaatamuu male;5waaqoti gosa biyya adda addaa martiwaaqota dharaa ti;Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade.6Ulfinnii fi arnyi fuula isaa dura,jabeennii fi dansummaanaddee woyyittii isaa keessa jiran.
7Maatiin gosa biyya adda addaaMootii Waan Maraa leellisa'a;ulfinnaa fi jabeenna Mootii Waan Maraa leellisa'a.8Ulfinna maqaa isaatiif te'uMootii Waan Maraatiif dhikeessa'a;kennansa fida'aatii gara badhinna mana isaa kowa'a.9Dansummaa woyyummaa isaatiifMootii Waan Maraa waaqonfadha'a;nami lafa irraa marti fuula isaa duratti holladha'a.
10Gosa biyya adda addaa maraan,«Mootiin Waan Maraa mooti'i!Biyyi lafaa jabaattee dhaabanteerti;isiin ijjumaa hin tachootu;inni kolbaa maraaf wol qixxee mura» jedha'a.11Ol-gubbaan gammadduu ti;lattille firinxiixxuu ti;abbaaya'aa fi wonni isii keessalle shookkittuu ti.12Ficha'aa fi wonni isa keessaa marti gammadduu ti;achiin duuba muki badda'aa marti ilillisaa hin faarsan.13Mootiin Waan Maraa waan dhufuuf,fuula isaa duratti ilillisaa faarsan;inni lafatti muriisaaf hin dhufa.Biyya lafaatitti balchumma'aan,kolbaa maratti dhuga'aan hin mura.