Kitaaba Faaru'uu95gax_twf

Faaruu Leellisaa

1Kowa'a, Mootii Waan Maraatiif,ilillisaa faarfannaa!Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa!2Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.3Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda'a;waaqota mara irratti mooti'i.4Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti;qacceen gaaraalle tama isaa ti.5Inni waan isii dadeef,abbaayaan ta isaa ti;lafa godduulle harkuma isaatitti dade.
6Kowa'a, gad jennee isa waaqonfannaa!Mootii Waan Maraaka nu dade duratti jilbiiffannaa!7Inni Waaqa keenna waan te'eef,nuuti kolbaa inni bobbaasu,hoolota inni tissu.Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane,8«Akkuma abbootiin teessan ta durii goomoleeMariiba'aatii fi Maasa'aa keessatti goote,isin mataa jabeeyyii hin te'ina'a.9Abbootiin teessan ta durii achitti,waan ani isaanii godhe adoo dhagganeeranuhaga na ilaalanee, na aarsane.10Ani dhaloota san woggaa afurtama diqadhee,‹Isaan worra karaa irraa goreeru;karaa kiyyalle hin beenne› jedhe.11Ani tanaaf aaree,‹Isaan ijjumaa biyya fooraa tiyyatti hin galanu› jedhee kakadhe» jedhe.