Kitaaba Faaru'uu92gax_twf

Hujii Isaatiif Mootii Waan Maraa Leellisuu

Faaruu Guyyaa Sanbataa

1Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuunEe Waaqa Ol Aana'a,maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa'a.2Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,3meya faaru'uu ka ribuu kudhan qabuu fiyoyyoma kiraara guddichaatiinsi leellisuun dansa'a.4Ee Mootii Waan Maraa, hujii teetiin na gammachiitta;ani hujii harka keetiititti gammadee faarfadha.
5Ee Mootii Waan Maraa, hujiin teeti attam attam guddo'o;yaadi keeti attam attam gad fagaata!6Nami daalleen tana hin beeku;gowwaalle tana hin hubatu.7Worri hamaan akka marraa latanulle,worri waan hantuu huju marti daraaranulle,isaan ijjumaayyuu hin badan.8Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoohaga bara baraa ol aana'a.
9Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti,dhugumaan diinoti keeti hin badan;worri waan hantuu huju marti hin bittinnowan.10Ati akka gafarsaa na jabeessitee ,zayiti'iin na muudde.11Ilti tiyya injifatama diinota kiyyaa dhaggite;gurri kiyyalle iyya nyaaphota kiyya hamoole'ee dhage'e.
12Nami balchaan akka muka meexxi'ii hin oshoba;akka hindheensa Libaanonii hin banqaaqa.13Isaan akka muka mana Mootii Waan Maraa keessatti dhaabamanee,badhinna mana Waaqa keennaatiin duraa keessattihin oshoban.14Isaan akka muka dullummaa keessa midhaan buusuu,ka yennaa mara bisille'eehin te'an.15Isaan, «Mootiin Waan Maraa sirri'i;inni rassaa ani itti baqadhu;isa keessa hammeenni hin jiru» jedhan.