Faarfannaa91gaz_bib

1Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.2Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fidaʼannoo koo ti;Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
3Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa,dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.4Inni baallee isaatiin si dhoksa;atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta;amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.5Atis naasuu halkanii,yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;6golfaa dukkana keessa deemu,yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.7Kumni tokko si cinatti,kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa;garuu sitti hin dhiʼaatu.8Ati ijuma kee qofaan ilaalta;adaba hamootatti dhufus ni argita.
9Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu,Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,10wanni hamaan si hin tuqu;dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.11Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif,ergamoota isaa siif ni ajaja;12isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneefharka isaaniitiin ol si fuudhu.13Ati leencaa fi buutii irra ejjetta;leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.
14Waaqayyos akkana jedha;“Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha;waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.15Inni na waammata; anis nan deebisaaf;rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa;isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.16Ani umurii dheeraa isa nan quufsa;fayyisuu koos isatti argisiisa.”