Kitaaba Faaru'uu91gax_twf

Eegunsa Waaqaa Jala Jiraachuu

1Nami gollaa Waaqa Ol Aana'aa jala le'u,ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande'uu jalatti foorfatu,2Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.3Waaqi tiyyoo nami si'iif afee fidhukkuba hamaa jalaa si hin baasa.4Inni koola ifiitiin si golla;baala isaa jalatti baqatta;addatamummaan isaa wonte'ee fikushee si'iif hin te'a.5Ati waan halkan nama sodaachisu,daaya guyya'aan namatti darbatamu6yookiin dhukkuba hamaa halkaniin deemu,yookiin balaa guyyaa wodhakkaanama balleessu hin sodaattu.
7Kum tokko cinaa teetitti,kum kudhan midda keetitti hin jigan;ammoo si hin tuqanu.8Ati ammoo ila teeti qofaan ilaaltee,adabamiisa worra hama'aa dhaggita.
9Ati Mootii Waan Maraa addee itti baqattu,Waaqa Ol Aanaa mana keeti waan godhatteef,10wonni hantuun sitti hin dhuttu;balaan qe'ee teetitti hin dhikaatu.11Sababille karaa ati ideentu maratti,akka si eeganuuf,inni ergantoota ifii si'iif hin ajaja.12Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne,isaan harka ifiitiin ol si hin kiphan.13Ati neenqaa fi dhudhuufaa irra hin ejjatta;neenqa dardaraa fi buutii irra hin sirbita.
14Mootiin Waan Maraa, «Inni waan na jaalatuuf,ani diinota isaa jalaa isa hin baasa;inni maqaa kiyya waan beekuuf,ani isa hin eega.15Inni na hin waammata;anille deebii isaaf hin kenna;yennaa inni rakkatu isa woliin hin jiraadha;ani isa hin baasa; ulfinnalle isaaf hin kenna.16Jiruu bara dheera'aatiin isa hin quussa;ani fayyisaa isaa akka te'eakka inni dhaggu hin godha» jedha.