Faarfannaa9gaz_bib

Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.2Ani sittin gammada; nan ililchas;yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.
3Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu;ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.4Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta;atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.5Saboota ifattee hamootas balleessiteerta;maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.6Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu;ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta;seenaan isaaniis barbadeeffameera.
7Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa;teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.8Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna;sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.9Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha;yeroo rakkinaattis daʼoo dha.10Warri maqaa kee beekan si amanatu;yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
11Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa;hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.12Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii;iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.
13Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali!Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;14kunis ani karra Intala Xiyoon irrattiakka galata kee labsuu fi fayyisuu keettisbaayʼisee gammaduuf.
15Saboonni boolla qotan keessa buʼan;miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.16Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama;hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.17Namoonni hamoon,warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu.18Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman;abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.
19Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin;fuula kee duratti sabootatti haa muramu.20Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi;saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.