Faarfannaa87gaz_bib
Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.
1Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.2Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa,karrawwan Xiyoon jaallata.3Yaa magaalaa Waaqaa,waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:4“Ani Raʼaabii fi Baabiloninwarra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa;kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin,‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”5Dhugumaan waaʼee Xiyoon,“Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan;Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.6Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti,“Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.7Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan,“Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.