Kitaaba Faaru'uu87gax_twf

Leellisa Yerusaalemiif Dhikaate

Faaruu ilmaan Qoraahii.

1Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifiigaarota woyyoota irratti dhaabe;2Addee Yaaqoob le'u mara caalaa,Mootiin Waan Maraaseensuma karra Xiyoonii jaalata;3Ee qachaa Waaqaa,wonni maade'ee marroo teetiif dubbatanti;4Waaqi, «Ani worra na beeku oddu'uttiGibxi'ii fi Baabilon hin galmeessa;worri Filisxeemotaa, worri Xiiroosiitii fi Itoophiya'aalleworra achitti dhalate» jedha.5Marroo Xiyoonii, «Dhugumaan, Waaqi Ol Aanaanwaan isii jabeessuuf,kolbaan tunii fi sunille,as isii keessatti dhalatte» hin jedhama.6Mootiin Waan Maraayennaa gosa biyya adda addaa galmeessu,«Worri kun achitti dhalatane» jedhee hin barreessa.7Worri faarsuu fi worri sirbu,«Maddi keenna martinuuXiyoon keessa jira» hin jedhan.