Faarfannaa86gaz_bib
Kadhannaa Daawit.
1Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef,na dhagaʼiitii deebii naa kenni.2Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi.Ati Waaqa koo ti;garbicha kee kan si amanatu oolchi.3Yaa Gooftaa na maari;ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii.4Lubbuu garbicha keetii gammachiisi;yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii.5Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota;warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.6Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi;iyya waammata koos dhaggeeffadhu.7Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha;ati deebii naa kennitaatii.8Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru;hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru.9Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii,fuula kee duratti ni sagadu;maqaa keetiifis ulfina fidu.10Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha;Waaqni suma qofa.11Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi;anis dhugaa keetiin nan bula;akka ani maqaa kee sodaadhuuf,garaa gargar hin qoodamne naa kenni.12Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa.13Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii;lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta.14Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru;tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaannelubbuu koo galaafachuu barbaadu.15Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha;daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.16Gara kootti deebiʼiitii na maari;jabina kee tajaajilaa keetii kenni;ilma garbittii keetiis oolchi.17Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif,mallattoo gaarummaa keetii naa kenni;yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.