Faarfannaa85gaz_bib

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta;boojuu Yaaqoobis deebifteerta.2Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf;cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.3Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta;aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
4Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi;dheekkamsa kees nurraa qabi.5Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa keedhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?6Akka sabni kee sitti gammaduuf,ati lubbuu nutti hin deebiftuu?7Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi;fayyina kees nuu kenni.
8Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha;inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa;isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.9Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf,fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
10Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.11Amanamummaan lafa keessaa burqa;qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.12Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna;lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.13Qajeelummaan fuula isaa dura deema;miilla isaatiifis karaa qopheessa.