Kitaaba Faaru'uu85gax_twf

Daadimata Nageya Biyyaatiif Dhikaate

Faaruu ilmaan Qoraahii, Sooressa faarfattootaatiif.

1Ee Mootii Waan Maraaati lafa teeti mararteerta;sanyii Yaaqoobiitiifmilkii adde'etti deebitteerta.2Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta;cubbuu isaaniille mara golliteerta.3Mufii teeti lakkitteerta;aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta.4Ee Waaqa fayyisaa keenna,adde'etti nu deebisi;nutti mufatiisa lakkisi.5Ati haga bara baraa nutti aartaa ree?Aarii teeti dhaloota irraagara dhalootaatitti dabarsitaa ree?6Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu,deebittee nu hin jiraachittuu ree?7Ee Mootii Waan Maraajaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi;fayyisiisa keeti nuu kenni.8Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatuhin caqasa;kolbaan isaa, worri isaaf addatame,gara gowwumma'aatitti hin deebi'in malee,Mootiin Waan Maraanageya isaaniif waadaa gala.9Ulfinni isaalafa teenna keessa akka jiraatu,dhugumaan fayyisiisi isaaworra isa sodaatuuf dhikoo jira.10Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan;balchumma'aa fi nageenni wol sunqatan.11Addatamummaan lafa keessaa latti;balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti.12Mootiin Waan Maraawaan dansaa hin kenna;latti teennalle midhaan hin baatti.13Balchummaan dura isaa deenti;tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti.