Kitaaba Faaru'uu84gax_twf

Mana Waaqaa Dharra'uu

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu ilmaan Qoraahii ta suusulle'een faarfatante.

1Ee Mootii Waan Maraaka Waan Mara Dadde,Galmi ati keessa leetuattam attam natti tola!2Lubbuun tiyyabadhinna Dunkaanii WoyyittiiMootii Waan Maraa keessajiraatiisaaf dharraatee gaggaddi.Gadhaan kiyyaa fi foon kiyya,Waaqa jiraata'aaf ilillisan.3Ee Mootii Waan MaraaKa Waan Mara Dadde,mootii kiyya, Waaqa kiyya;addee ciinca'aa teetitti,sinbirrooti didiqqoon mana ifii,maddoolle mandhee ilmoolee ifii keyattuijaarrataneeran.4Worri mana keeti keessa le'u ka gammade;isaan yennaa mara si leellisan.
5Worri gara gaara Xiyoonii deemiisaaf,gadhaa ifii keessatti dharra'ee,hunna si biraa dhaggatu ka gammade.6Isaan yennaa dhooqa godde,ta, «Baka» jedhantu keessa dabaranu,addee maddaa isaaniif teeti;bokkeenni furmaataalledhooqa san keessa haroo eelcha.7Isaan akkuma deemanuun jabeenna ede'atan;Waaqa Xiyoon keessaa dura hin dhikaatan.
8Ee Mootii Waan MaraaWaaqa waan mara dande'u,daadimata kiyya dhage'i;Waaqa Yaaqoobii na caqasi.9Ee Waaqa, wontee teenna ilaali;mooticha muuddeertuuf gadhaa laafi.
10Addee dhibiiguyyaa kuma tokko ooliisaa mannaa,badhinna Galma woyyicha keetii keessaguyyaa tokko ooluu woyya;Dunkaanii worra hamaaleyyi'iikeessa tee'iisaa mannaa,eedduu balbala mana Waaqa kiyyaate'u naa woyya.11Mootiin Waan MaraaWaaqi akka adu'uu tii fi akka wonte'ee ti;inni fudhatamaa fiulfinna akka dhaggatanu hin godha.Mootiin Waan Maraa worra komii hin qanne,waan dansaa hin dhooggatu.12Ee Mootii Waan MaraaKa Waan Mara Dadde,nami si'itti addatu ka gammade.