Kitaaba Faaru'uu83gax_twf

Diinoti Israa'elii Akka Injifatamanuuf Daadimata Dhikaate

Faaruu Asaafii.

1Ee Waaqa, hin cadhisin;hin sarmin yookiin cadhittee hin ilaalin.2Amumaayyuu diinoti keetifinqila kaasaneeran;worri si jibbu mataa ifii togeera.3Isaan kolbaa teeti irratti mala dhowani;worra ati jaalattu irratti mari'atan.4Isaan, «Maqaan gosa biyya Israa'elii,deebi'ee akka hin qaabatanne,akka isaan kolbaa hin teene,kowaa, isaan balleessinaa» jedhan.
5Yaada tokkoon wolii galaneesi irratti mala dhowane;si irratti ka'iisaaf wol gondooratane;6Isaan kun kolbaa Edoomii, kolbaa Ishimaa'elii,kolbaa Mo'aabiitii fi Aggaarii,7kolbaa Gebaaliitii fi Amoonii, Amaaleqoota,worra Filisxeemotaatii fi Xiiroosii ti.8Worri Asooriille isaanitti ede'amaneesanyii Looxii gargaarane.
9Worra Miidiyaanii akkuma goote,laga QiisoniitittiSiisaara'aa fi Yaabiin akkuma goote,isaan kanalle akkasuma godhi.10Worri sun Endooritti ijjeefamanee,shamanee lafaaf kosii te'ane.11Qondaaltota isaaniiakkuma Oreebiitii fi Ze'eebii,sooressitoota isaaniilleakkuma Zeeba'aa fi Xaalmuna'aa godhi.12Isaan, «Lafa kaloo kolbaa Waaqaafudhannee teenna godhanna» worra jedhe.
13Ee Waaqa kiyyaakka bukuu hobonbolattiin garagaggalchituu,akka huura qilleensi fuudhee deemuu isaan godhi.14Akkuma ibiddi gongomaa muxuqi godhu,akkuma bobeenni gaara gubu,15ati bubbee teetiin isaan ari'i;hobonbolattii teetiin isaan bararassi.16Ee Mootii Waan Maraa,akka isaan maqaa keeti barbaadanu,isaan fokkisiisi.17Haga bara baraa isaan qaanessiitii naasisi;isaan salphinnaan badanuu ti.18Isaan maqaan keeti Mootii Waan Maraa akka te'e,ati callaan lafa duudii irrattiWaaqa Ol Aanaa akka teete beekanuu ti.