Faarfannaa82gaz_bib
Faarfannaa Asaaf.
1Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata;“waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:2“Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu?Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?3Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa;mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.4Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa;harka jalʼootaatiis isaan baasaa.5“Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan.Isaan dukkana keessa jiraatu;hundeen lafaa hundinuu ni raafame.6“Anis, ‘Isin, “waaqota;”hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.7Taʼus isin akkuma namatti ni duutu;akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.”8Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri;sabni hundinuu kan keetiitii.