Kitaaba Faaru'uu78gax_twf

Waaqaa Fi Kolbaa Waaqaa

Wolaloo Asaafii.

1Ee kolbaa tiyya, barsiisa kiyya caqasa'a;gurra keessangara dubbii afaan kiyyaa deebifadha'a.2Ani fakkeennaan afaan kiyya hin saaqadha;dubbii dhossa'aata durii jalqaddee dhoffante hin mudhisa.3Dubbiin tun ta dhageennee hin beenne,ta abbootiin teenna ta durii nutti hinte,4nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu;marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa,marroo bilbaasa inni hujee,dhaloota dhufutti hin hinna.
5Inni ajaja sanyii Yaaqoobiitiif kennee,seera Israa'el keessatti baasee,ijoollee ifiille akka barsiisanuabbootii teenna ta durii ajaje.6Wonni inni tana godheef,dhalooti itti aanu tana akka beeku,worri amma hin dhalatinilleijoollee ifii akka barsiisu.7Achiin duuba ijoolleen sun Waaqatti addatti;hujii Waaqaalle hin deetu;ajaja isaalle yennaa mara eeggatti.8Isaan akka abbootii ifii ta durii,mati-jabeeyyi'ii fi worra Waaqa irratti ka'u,worra gadhaan isaaniiWaaqaaf addatamumma'aan hin jabaanne,worra qalbiin isaaniiWaaqaaf hin addatanne hin te'anu.9Loltooti worri Efreemiiworri guube'ee fi daaya qabataneeranu,guyyaa lolaa baqatane.10Isaan gondooroo Waaqaa hin eeganne;akka seera isaatitti deemuu didane.11Isaan waan inni hujee fibilbaasota inni itti mudhise dedhane.12Biyya Gibxi'iititti, diida Zo'aaniititti,fuula abbootii isaanii durattiWaaqi bilbaasota huje.13Inni abbaayaa gargar kutee,keessa isaan dabarse;bisaanille akka tuula'aa dhaabbachiise.14Guyyaa duumensaan,halkan guutuu ifa ibiddaatiin isaan sooresse.15Inni lafa goomole'ee keessatti rassaa dhoosee,bisaan akka bisaan abbaaya'aa,kenneefii isaan obaase.16Inni rassaa keessaa bisaan baasee,akka lagaa lolaase.
17Isaan ammoo ittuma ede'aneeisa irratti cubbuu hujanee,goomolee keessattiWaaqa Ol Aanaa irratti ka'ane.18Isaan sagalee halchane gaafatiisaan,Waaqa haga ilaalane.19Isaan Waaqa irratti ka'anee,«Waaqi goomolee keessattisagalee qopheessee hin dande'aa?20Yennaa inni rassaa dhowe,bisaan akka lagaa keessaa lola'e.Inni ammoo sagaleelle nuu kennuu hin dande'aa ree?Yookiin kolbaa ifiitiiffoon kennuu hin dande'aa ree?» jedhane.
21Mootiin Waan Maraa yennaa tana dhage'e,aaree bobe'e;sanyii Yaaqoobii irratti ibiddi gabbate;aariin isaa Israa'el irratti bobeette.22Wonni tun teeteef,isaan Waaqatti hin dhugeeffanne;akka inni isaan fayyisulle isatti hin addanne.23Te'uu malee, inni duumensa gubba'aa ajajee,balbala ol-gubba'aa bane;24akka isaan nyaatanuufmannaa gad isaaniif roobisiisee,midhaan ol-gubba'aa isaaniif kenne.25Maarre isaansagalee ergantoota Waaqaa nyaatane;Waaqi sagalee isaan quussitu isaaniif erge.26Inni qilleensi baya adu'uu akka ka'u godhe;hunna ifiitiin qilleensa kibbaalle kaase.27Inni foon akka biyye'ee bacatu,barbadi-kille akka maansa abbaaya'aaisaaniif roobisiise.28Gororrii san quttuma isaanii keessa,adaala dunkaanii isaanii maratti gad harcaase.29Inni waan isaan dharra'ane waan isaanii kenneef,isaan nyaatanee akka malee quufane.30Ammoo adoo isaan dharraa hin bayinuu,adoo nyaatiisatti jiranuu,31Waaqi isaanitti aaree,isaan keessaa worra jajjabaa ijjeese;dargaggeeyyii Israa'eliille qoome.
32Tana mara keessattiisaan cubbuu hujiisa hin lakkinne;bilbaasa inni godhelle hin dhugeeffanne.33Tanaaf, inni ganna isaaniiakka hafuura baafata tokkochaa godhee,jiruu isaanii bararaqaan fixachiise.34Yennaa inni isaan keessaa ijjeese,isaan isa barbaadane;cubbuu irraa deebi'anee,gadhaa tokkochaan gara isaa deebi'ane.35Isaan Waaqi rassaa isaanii,Waaqi Ol Aanaanwodoo isaanii akka te'e qaabatane.36Isaan ammoo afaaniin isa kookkisane;arraba ifiitiin soba isatti dubbatane.37Gadhaan isaanii isaaf hin addatanne;gondooroo isaalle hin eeganne.
38Waaqi ammoo kolbaa ifiitiif mararee,yakkaa isaaniif araarame malee,isaan hin balleessine;inni yennaa hedduu aarii ifii caffate;mufii ifii mara ol hin kaanne.39Inni nama foonii qofa te'iisa isaanii,qilleensa dabaru,ka deebi'ee hin dhunne akka te'ane qaabate.40Isaan goomolee keessattiyennaa hedduu isa irratti ka'anee,gammoojjii keessattiyennaa hedduu isa gaddisiisane.41Isaan itti deddeebi'aneeWaaqa haga ilaalane;Woyyicha Israa'elii gaddisiisane.42Isaan hunna isaa,ta guyyaa inni diinota jalaa isaan wodee,43biyya Gibxi'ii keessatti hujii baasaatii fibilbaasota inni diida Zo'aaniititti huje hin qaabanne.44Inni bisaan laga isaanii maragara dhiigaa jijjiire;tanaaf worri Gibxi'ii bisaan yaa'u keessaaunuu hin dandeenne.45Inni tiiticha isaan iddu,raacha isaan balleessu itti erge.46Midhaan isaanii korophiisaaf,eloo isaanii awwaannisaaf kenne.47Muka woynii isaanii dhakaa roobaatiin,muka harru'uu ka isaanii qorraan balleesse.48Loon isaanii dhakaa roobaatiin,karra horii isaanii banqo'oon fixe.49Inni aarii ifii ta bobeettu,mufii ifii, aarii jaddu'uu figolii ergantoota Waaqaata balaa badi'ii hiikee isaanitti gad lakkise.50Inni aarii ifiitiif daandii qopheesse;lubbuu isaanii bala'aaf dabarsee kenne malee,du'a irraa isaan hin hamburre.51Inni biyya Gibxi'ii keessatti,angafa te'ee ka dhalate,ilma angaficha maradunkaanii sanyii Kaamii keessatti ijjeese.
52Achiin duuba inni kolbaa ifiiakka hoole'ee achii baasee,akka tika hoole'eellegoomolee keessa isaan sooresse.53Inni nageyaan waan isaan sooresseef,isaan hin sodaanne;diinota isaanii ammoo abbaayaan liqinsite.54Inni gara lafa woyyittii ifii,gara gaara harka ifii middichaan injifatee qabateeruu isaan fide.55Inni gosa biyya adda addaa isaan duraa ari'ee baase;lafa isaanii isaan dhaalchisee,mana isaaniille gosa Israa'eliitiif qoode.
56Isaan ammoo Waaqa Ol Aanaa haga ilaalanee,isa irratti ka'ane;seerata isaalle hin eeganne.57Isaan akkuma abbootii ifii ta durii irraa garagalanee,addatamuu dhabaneeakka guubee qajeelatti daaya hin darbannee micciiramane.58Addee waaqonfannaa ifiitiin isa aarsane;waaqota dharaa ifiitiin hinaaffa'atti isa kaasane.59Waaqi tana yennaa dhage'e, aaree bobe'e;inni ijjumaa Israa'el gate.60Inni addee bultoo ifii, ka Shiilo'oo,dunkaanii odduu namaatitti keessa bulu lakkise.61Inni Saanduqa Gondooro'oo,ka beessisa hunnaa isaatii fi ulfinna isaa te'e,harka diinaatitti booju'uufdabarsee kenne.62Inni kolbaa ifiititti guddoo aaree,shallaaga'aaf dabarsee kenne.63Dargaggeeyyii isaanii ibiddi fixe;durri isaanii nama heerumtu dhadde.64Hayyooti isaanii shallaaga'aan dhumatane;niitoti isaaniiisaaniif bowiisa hin dandeenne.
65Achiin duuba Goottaanakka waan hirriibaa dammaqee,akka nama jannadaadhii woyni'ii quufee dhaadatuu ka'e.66Inni diinota ifii dhoweegara duubaa deebisee,haga bara baraa isaan fokkisiise.67Inni dunkaanii Yoseefii tuffatte;sanyii Efreemiille hin filanne;68ammoo gosa Yihuda'aatii figaara Xiyoonii ka jaalatu filate.69Inni mana Woyyicha ifiiakka kooba dheera'aa ijaaree,akka lafaa haga bara baraa jabeessee dhaabe.70Inni tajaajilaa ifii Daawiti filate;tika hoole'ee keessaa isa fudhate.71Hoolee haadhotii ilmoole'ee tissiisa lakkisee,kolbaa ifii Yaaqoob,Israa'elii ifiitiif tissee akka te'u isa fide.72Inni gadhaa qajeela'aan isaan tisse;qarumma'aan guutamee isaan sooresse.