Kitaaba Faaru'uu
77
/
gax_twf
Daadimata Jajjabeessiisaa
Faaruu Asaafii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.
1
Ani qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya;
akka inni naaf dhage'u,
qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya.
2
Yennaa rakkinnaa keessa Goottaa barbaadadhe;
halkan guutuu harka kiyya diriirse;
te'uu malee ani hin jajjabaanne.
3
Ee Waaqa, ani yennaa si qaabadhu hin aada;
yennaa guddisee itti yaadu hin gaggaba.
4
Ati ila wolitti qabatiisa na dhooggite;
haga dubbatiisa dadhabutti rakkadhe.
5
Ani marroo bara durii yaade;
woggoota durii durii qaabadhe.
6
Halkan keessa faaruu tiyya ta durii qaabadhe;
ani guddisee itti yaadee, yaada kiyya qorqoree,
7
«Goottaan haga bara baraa nu hin gataa?
Inni ijjumaa deebi'ee nu'uuf hin nayuu?
8
Jaalalli isaa ka bara baraa,
haga bara baraa dhumatee?
Waadaan inni gale yoona hin muummowuu ree?
9
Waaqi marartii dedhee?
Aariin gadhi-laafummaa isaa dhooggitee ree?» jedhe.
10
Achiin duuba ani, «Hunni Waaqa Ol Aana'aa
waan jijjiiranteef, gaddee laaleffadhe» jedhe.
11
Ee Mootii Waan Maraa,
ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha;
bilbaasota ati dur goote hin qaabadha.
12
Ani marroo hujii teetii mara hin heda;
hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha.
13
Ee Waaqa, karaan keeti woyyicha;
waaqota keessaa
guddaan akka Waaqa keennaa eennu?
14
Ati Waaqa bilbaasa huju;
ati gosa biyya adda addaa oddu'utti
hunna teeti mudhitteerta.
15
Ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobiitii fi Yoseefii,
hunna teeti jaddu'uun wodatteerta.
16
Ee Waaqa bisaan hedduun
si dhagganee sodaatane;
qileen abbaaya'aalle raafante.
17
Duumensi bisaan gad coccosse;
gubbaa irraa mandiisuun mandiite.
Balaqqeettiin akka daayaa gara mara balaqqitte.
18
Hobonbolattii keessa mandiisuun dhage'ante;
balaqqeettiin biyya lafaa issite;
latti rommitee tachoote.
19
Abbaayaa keessa karaa,
bisaan gugurdaa keessa daandii godhatte;
faanti miila keetii ammoo hin mudhanne.
20
Harka Muuse'eetii fi Aaroniitiin
akka nama hoolee tissuu
ati kolbaa teeti sooressite.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter