Kitaaba Faaru'uu76gax_twf

Injifatiisa Waaqaa

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1Waaqi biyya Yihuda'aatitti beekkama'a;Israa'el keessatti maqaan isaa gudda'a.2Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa;addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra.3Inni achitti daaya balaqqisaa deentu,wontee, shallaaga'aa fimeya woraanaa mara caccasse.
4Ee Waaqa ati attam attam ulfaata'a!Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala.5Worri jannooti saamamanee,akka malee rafaneeran;isaan keessaa tokkolle,harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne.6Ee Waaqa Yaaqoobii,xixicha keetiinabbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane.7Ati ammoo sodaatama'a;yennaa aariin teeti kaate,eentu si dura dhaabbatuu dande'a?8Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite;biyyi lafaalle sodaattee cadhitte.9Ee Waaqa,worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf,yennaa ati muraa kenniisaaf kaate,biyyi lafaa cadhitte.
10Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf,kolbaan si leellifatti;worri mufii teeti irraa hafewaan hantuu hujiisa hin lakkisa.
11Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniifwaadaa gala'a;waan waadaa galtane san muummessa'a.Worri lafa adaala isaa jiru martika sodaatamu'uu maleef kennansa fidanuu ti.12Inni qondaaltota kooranu gad qaba;mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa.