Faarfannaa75gaz_bib
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Yeedaloo, “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Asaaf.
1Yaa Waaqi, nu si galateeffanna;sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina;namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.2Ati akkana jetta; “Ani yeroo murteeffame nan filadha;kan qajeelummaadhaan muru ana.3Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti,kan utubaa ishee jabeessee qabu ana.4Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa.5Gaanfa keessan samiitti hin kaasinaa;morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’ ”6Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutiiyookaan lafa onaatii hin dhufuutii.7Garuu kan murtii kennu Waaqa;inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa.8Harka Waaqayyoo keessa,xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makamekan hoomachaan guutame tokkotu jira;inni wayinii sana gad naqa;hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisinxuruurfatanii dhugu.9Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa;Waaqa Yaaqoobis nan faarfadha.10Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa;gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha.