Kitaaba Faaru'uu
75
/
gax_twf
Waaqi Abbaa Mura'aa Ti
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante.
1
Ee Waaqa, nuuti si galateeffanna;
maqaan keeti dhikoo waan jiruuf,
nuuti si galateeffanna;
kolbaan hujii teeti ta maade'ee hin odeessiti.
2
Waaqa ati, «Ani yennaa muraa kennu murteesseera;
ani yennaa sanitti muraa sirri'ii hin kenna.
3
Yennaa lafaa fi wonni isii irraa marti tachootu,
utubaa isi'ii ka jabeessu ana.
4
Ani worra kooruun, ‹Haganaa achi hin koorina'a!›
Worra hamoole'een, ‹Gaafa hin baasina'a!
5
Gaafa keessan gara ol-gubba'aa
ol hin togina'a!
Morma yaafattanee
hin dubbatina'a!› jedhaan» jetta.
6
Ulfinni baya adu'uu irraa,
yookiin seensa adu'uu irraa,
yookiin goomolee keessaa hin dhufu.
7
Muraa ka kennu ammoo Waaqa;
inni tokko gadi qabee,
kaan ol hin qaba.
8
Mootiin Waan Maraa
muduunuu daadhii woyni'ii ta mufi'ii
hoomachoottuu harkaa qaba;
inni gad isii cossa;
worri hamaaleyyiin lafaa marti,
cingifatanee unan.
9
Ani ammoo haga bara baraa tana hin lallaba;
Waaqa Yaaqoobii faaru'uun hin leellisa.
10
Inni hunna worra hamoole'ee hin cassa;
hunni worra balchoole'ee ammoo hin ede'anti.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter