Kitaaba Faaru'uu72gax_twf

Daadimata Marroo Mootichaa

Faaruu Solomoonii.

1Ee Waaqa, haqa muriisa keeti mootichaaf,balchummaa teetille isaaf kenni.2Innille kolbaa teeti balchumma'aan,hiyyeeyyiille haqaan hin bulcha.3Gaaroti nageya,koobotille balchummaa hin kennan.4Mootichi odduu kolba'aatittiworra cunqurfameef hin falmata;inni ijoollee worra hiyyeeyyi'ii hin baasa;cunqursitoota hin butucha.5Haga adu'uu fi ji'i le'anu,mootichi dhalootaa haga dhalootaatitti bulchuu ti.
6Inni akka bokkeyafichaa marri irraa haamame irratti roobuu,akka tiifuu lafa jiittuu te'uu ti.7Bara isaatitti balchaan hin daraara;haga ji'i ifa kennu mara, nageenni hin bacata.
8Inni abbaayaa irraa haga abbaaya'aatitti,laga Efraaxiisii irraa haga qaccee lafaatitti bulchuu ti.9Worri goomolee keessa le'u isa duratti sagaduu ti;diinoti isaa biyyee arraabanuu ti.10Moototi Tarshiishii, ta oddoola keessaa,gibira isaaf fidanuu ti;moototi Sheeba'aatii fi Saaba'aallekennansa isaaf dhikeessanuu ti.11Moototi marti isaaf sagadanuu ti;gosi biyya adda addaa marti isa tajaajilanuu ti.
12Inni worra hiyyeeyyii gara isaa iyyu,worra rakkataa nama qarqaaru hin qanne hin baasa.13Inni worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyi'iif gadhaa laafa;jiruu worra rakkata'aalle hin hambura.14Dhiigi isaanii isa duratti gatii-qabeessa waan te'eef,inni cunqurfamiisaa fi hunnaan irratti ka'iisa irraa,lubbuu isaanii hin woda.
15Mootichi bara dheeraa le'uu ti;worqiin biyya Sheeba'aa isaaf kennantuu ti;kolbaan yennaa mara isaaf daadimattuu ti;guyyaa guutuu isa eebbittuu ti.16Lafa san keessa midhaan bacatuu ti;koobota gubba'atti latuu ti;midhaan inni buusulleakka midhaan Libaanonii misuu ti;Kolbaan qachaa keessaa,akka marra diida keessaa bacattuu ti.17Maqaan isaa haga bara baraa jabaatee le'uu ti;gurri isaa haga bara aduun jirtu mara jiraatuu ti.Gosi biyya adda addaa marti isaan eebbifantuu ti;Isaan, «Inni eebbifama'a» jedhaneeisa waamanuu ti.
18Mootiin Waan Maraa,Waaqi Israa'elii,ka qofuu waan maade'ee huju,leellifamuu ti.19Maqaan isaa ulfaataanhaga bara baraa leellifamuu ti;biyyi lafaa duudiin ulfinna isaatiin guutantuu ti.Ameen! Ameen!
20Daadimati Daawitii ilma Iseyiias irratti muummowe.