Faarfannaa70gaz_bib
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti.
1Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu;yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.2Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadanhundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis;warri badii koo hawwan hundiqaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.3Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhanqaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.4Warri si barbaadan hundinuu garuusitti gammadanii haa ililchan;warri fayyisuu kee jaallatan,yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan.5Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;yaa Waaqi, dafii na qaqqabi.Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti;yaa Waaqayyo hin turin.