Kitaaba Faaru'uu
70
/
gax_twf
Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.
1
Ee Waaqa na baasi;
Mootii Waan Maraa kiyya na qarqaariisaaf ariifadhu.
2
Worri na ijjeesiisaaf barbaadu,
fokkifatee jaanjuruu ti;
worri na miidhiisaaf halchu,
salphatee gara duubaa deebi'uu ti.
3
Worri, «Baga, baga!» naan jedhu,
fokkifatee gara duubaa deebi'uu ti.
4
Worri si barbaadu marti ammoo,
si'iin gammadee firinxiixuu ti.
Worri fayyisiisa keeti jaalatu marti,
yennaa mara, «Waaqi gudda'a» jedhuu ti.
5
Ani rakkataa hiyyeessa;
Ee Waaqa, ariifadhuu gara kiyya koy;
Ee Mootii Waan Maraa kiyya
ati qarqaara'aa fi fayyisaa kiyya
na irraa hin turin.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter