Faarfannaa67gaz_bib

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa.

1Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus;fuula isaas nurratti haa ibsu;2kunis akka karaan kee lafa irratti,fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
3Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan;saboonni hundii si haa jajatan.4Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf,saboota lafa irraas waan geggeessituuf,saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.5Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan;saboonni hundii si haa jajatan.
6Lafti midhaan kenniteerti;Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.7Waaqni nu eebbiseera;handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.