Kitaaba Faaru'uu
67
/
gax_twf
Faaruu Leellisaa
Faaruu takka, ta meya ribu'uutiin faarfatante, sooressa faarfattootaatiif.
1
Waaqi nu mararuu ti; nulle eebbisuu ti;
fuula ifii akka nu irratti ifu godhuu ti.
2
Achiin duuba, karaan keeti lafa duudii irratti,
fayyisiis keeti
gosa biyya adda addaa mara oddu'utti hin beekkama.
3
Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;
kolbaan marti si leellittuu ti.
4
Ati haqaan kolbaa maratti waan murtuuf,
gosa biyya adda addaa waan sooressituuf,
gosi biyya adda addaa gammadaan ilillittuu ti.
5
Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;
kolbaan marti si leellittuu ti.
6
Latti midhaan baatteerti;
Waaqi, Waaqayyoon keenna nu hin eebbisa.
7
Waaqi nu hin eebbisa;
kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter