Faarfannaa66gaz_bib

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa.

1Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa!2Ulfina maqaa isaa faarfadhaa;galata isaatiifis ulfina kennaa!3Waaqaan akkana jedhaa;“Hojiin kee akkam sodaachisaa dha!Sababii humni kee guddaa taʼeef,diinonni kee fuula kee duratti hollatu.4Lafti hundinuu siif sagadu;faarfannaa galataa siif faarfatu;maqaa keetiifis faarfatu.”
5Kottaatii waan Waaqni hojjete,hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa!6Inni galaana lafa gogaatti geeddare;isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan;kottaa isatti haa gammannu!7Inni bara baraan humna isaatiin bulcha;iji isaas saboota ilaala;finciltoonni ol ol of hin qabin.
8Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa;sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu;9inni lubbuu keenya jiraachiseera;miilla keenyas mucucaachuu oolcheera.10Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii;akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.11Ati kiyyootti nu galchiteerta;dugda keenya irras baʼaa keesseerta.12Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta;nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre;ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde.
13Anis qalma gubamu qabadheemana qulqullummaa kee nan seena;wareega koos siif nan galcha;14kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turettiarrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha.15Anis horii coccoomoo, qalma gubamu,korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa;jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa.16Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa;anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima.17Ani afaan kootiin isatti nan iyye;galanni isaas arraba koo irra ture.18Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee,silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture;19Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera;sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera.20Waaqni kadhannaa koo hin didinyookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!