Kitaaba Faaru'uu66gax_twf

Faaruu Leellisaatii Fi Galataa

Faaruu, sooressa faarfattootaatiif.

1Biyyi lafaa duudiin,Waaqaaf gammadaa ilillisa'a.2Ulfinna maqaa isaatiif faarfadha'a;leellisa ulfinnaa isaaf kenna'a.3Waaqaan, «Hujiin teeti attam attam bilbaasa!Hunni teeti guddoo waan teeteef,diinoti keeti soda'aan si duratti hollatan.4Worri lafa irra jiru marti sii sagadan;isaan faaru'uun si leellisan;maqaa keeti leellisaa faarfatan» jedha'a.
5Waan Waaqi godhe kowa'aa ilaala'a;inni hujii baasaa odduu kolba'aatitti hujeera.6Inni abbaayaa gargar kutee,kolbaan isaa miila ifiitiin lafa godduu irralaga Yordaanosii gamatti buute;nuutille waan inni godheen gammanne.7Inni hunna ifiitiin haga bara baraa hin bulcha;ilti isaa gosa biyya adda addaa hin eeddi.Worri isa finqilu isa irratti hin ka'in.8Ee, gosi biyya adda addaaWaaqa keenna leellisa'a;qoonqoo ol qabadha'aatii isa leellisa'a.9Inni jiru'uun nu eegee,miila keennalle akka hin mucucaanne godheera.10Ee Waaqa, ati haga nu ilaalteerta;akkuma meetiin ibiddaan dhimbiibantu,ati nu dhimbiidde.11Ati tiyyoo keessa nu galchite;ba'aa ulfaattuu dudda keenna irra keette.12Ati akka namooti mataa keenna irratti bayanu goote;ibiddaa fi bisaan keessa dabarre;amma ammoo addee wonni dansaan jirtutti nu baache.13Ani ciincaa qabadhee gara mana keetii hin seena;waan waadaa gale si'iif hin muummessa.14Waadaan sun ka ani yennaa rakkoo keessa jiruarrabi kiyya tuqee, afaan kiyya dubbate.15Ciincaa horii cocoomaatii ficiincaa korbeeyyii hoole'ee si'iif hin dhikeessa;korommi'ii fi korbeeyyii re'e'ee hin kenna.
16Isin worri Waaqa sodaattanu marti,kowa'aa dhage'a'a;ani waan Waaqi naaf godhe hin hima.17Ani guddisee gara isaa iyye;arraba kiyyaan isa saade.18Ani cubbuu gadhaa kiyya keessattiadoo dhoffadhee jiraadhee,Goottaan silaa na hin caqasuuyyu.19Waaqi ammoo dhugumaan naaf caqaseera;qoonqoo daadimata kiyyaalle dhage'eera.
20Daadimata kiyya waan hin tuffatiniif,yookiin jaalala ifii ka bara baraawaan na irraa hin fudhatiniif,Waaqi leellifamuu ti.