Kitaaba Faaru'uu65gax_twf

Leellisaa Fi Galata

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Ee Waaqa, Xiyoon keessattisi leellisuu,waadaa si'iif gallelle muummessuu qanna.2Ee ka daadimata namaa dhageettu,nami marti gara keeti hin dhufa.3Cubbuun nu moote;ati ammoo yakkaa teenna nuu araarante.4Worri ati filatteebadhinna mana keetii keessa akka le'anuka ifitti dhikeeffatte ka eebbifame.Nuuti waan dansaa mana keetii,ta Dunkaanii Woyyittii teetiitiin hin quunna.
5Ee Waaqa fayyisaa keenna,hujii maade'eeta balchumma'aatiin deebii nuuf kennita.Worri qaccee lafaaabbaaya'aan gama fagoo jiru martilleaddii sitti godhata.6Ati hunna teeti uffattee,jabeenna keetiin gaarota dadde.7Ati Shookkessa abbaaya'aatii fi danbalii isi'ii,caanca gosa biyya adda addaalle cadhi goota.8Bilbaasa ati gooteen,worri biyya lafaa irra le'u duudiin,hin sodaata;addee aduun baatu irraahaga addee aduun seentuutitti,ililleettiin akka dhage'antu hin goota.
9Ati lafa ilaaltee, rooba kennitaaf;guddoo laattuu isii goota.Lagi Waaqaa, bisaaniin guuteera;akkas gootee waan qopheessiteef,kolbaan midhaan dhaggatti.10Fichaa qotame irrattibokkeya bacaa roobisiitta;quqquuqaa isaalle hin bulleessita;biyyee tiifu'uun laafficha;mudheen lattee akka guddattu goota.11Arjummaa teetiin bara eebbitta!Gara ati dhaxxe maramidhaan baca'atti jiraata.12Goomoleen marti bisiltee,koobotille gammada akka woya'aa uffatan.13Diidi tika hoolotaatiin,dhooqille midhaaniin guutaman;isaan ilillisaa faaruu faarfatan.