Faarfannaa64gaz_bib

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi;lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.2Marii jalʼootaa duraa,mala namoota hamoo duraas na dhoksi.
3Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan;dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.4Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu;akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.
5Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu;waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu;“Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu.6Isaanis jalʼina yaaduudhaan,“Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu;yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.
7Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa;isaanis akkuma tasaa madaaʼu.8Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa;warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.
9Namoonni hundinuu ni sodaatu;isaan hojii Waaqaa ni labsu;waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.10Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada;isattis kooluu gala;gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.