Faarfannaa63gaz_bib

Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti.

1Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti;ani dhugumaan sin barbaadadha;lafa gogaa fi gammoojjii,lafa bishaan hin jirretti,lubbuun koo si dheebotti;foon koos sitti gaggaba.
2Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge;humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.3Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,hidhiin koo si jajatti.4Ani hamman jirutti sin eebbisa;maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.5Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti;afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.
6Ani siree koo irratti sin yaadadha;halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.7Waan ati gargaarsa koo taateef,ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.8Lubbuun koo sitti maxxanti;harki kee mirgaa ol na qaba.
9Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuuboolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.10Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu;nyaata waangoos ni taʼu.
11Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada;namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata;afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.