Kitaaba Faaru'uu63gax_twf

Waaqa Barbaadiisa

Faaruu Daawitii ta inni yennaa goomolee Yihuda'aa keessa jiru Faarfate.

1Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya;ani si barbaada.Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee,lubbuun tiyya si dheebotti;nafi kiyyalle si dharra'a.2Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessattisi ilaalee,hunnaa fi ulfinna keeti dhagge.3Jaalalli keeti ka bara baraajiruu waan caaluuf,arrabi kiyya si leellisa.4Ani haga jiru si leellifadha;harka kiyya ol qabadhee,maqaa keeti waammadha.5Akka sagalee dansaa nyaatteetitti,lubbuun tiyya quutte;afaan kiyya arraba ililleetti'iitiin si leellisa.6Taqee tiyya irratti si qaabadha;halkan duudii marroo teeti yaada.7Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef,gaaddisa bobaa teetii jalatti,gammadaan faarfadha.8Lubbuun tiyya sitti maxxanti;harki keeti middichi ol na qaba.
9Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu,qilee lafa jalaatitti gad bu'a.10Isaan shallaagaa afaan bu'an;jeedalaaf sagalee te'an.11Mootichi ammooWaaqaan hin gammada;worri maqaa Waaqaatiin kakatu martiWaaqa hin leellisa;afaan worra dharaameyyi'ii hin cufama.