Kitaaba Faaru'uu62gax_twf

Waaqa Qofatti Addatuu

Faaruu Daawitii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.

1Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf,lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti.2Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.
3Nama akka dalleya dhaka'aa ka duufee,akka dalleya daaqee te'e tokko,isin haga yoomii isa lolaa teettan ree?4Isaan nama san addee ulfinnaa irraagad isa buusiisaaf barbaadan.Dhara dubbatiisatti gammadan;afaan ifiitiin hin eebbisan;gadhaa ifiitiin ammoo hin abaaran.
5Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti;addiin tiyya isa irraa naa dhutti.6Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.7Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe;inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle'e.
8Ee kolba'a, yennaa mara Waaqatti addadha'a;Waaqi ka itti baqannu waan te'eef,yaada gadhaa keessanii mara itti himadha'a.
9Ilmaan namaa akka qilleensaa ti;namooti marti womaa moti.Isaan yoo madaalamane,qilleensa caalaa sallatan.10Hunnaan saamiisatti hin addatina'a;waan hannaan dhaggameen hin koorina'a;yoo karri teessan ede'antelle,addii itti hin godhatina'a.
11Waaqi takkaa dubbateera;ani waan lama dhage'eera.Sunille, «Hunni ta Waaqaa ti;12jaalalli bara baraa ka Gootta'aa ti» ta jettu.Ee Gootta'a ati maraafuuakka hujii isaatitti gatii isaaf kaffalta.